Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Gootichi WBO Godina Dhihaa waraana wayyaanee humna biyya ollaa if gargaarsifatee itti duule gootummaan dura dhaabbatee bobbaa diinaa fashalse.

 (Madda Oduu ABO/MOA/Adoolessa 16,2008)Naannoolee Faashim fi Daajoo je'amanitti, waraana Wayyaanee humna biyya ollaa gargaarsifatee fi WBO jiddutti loloota tahen kasaaraa guddaan humnaa fi qabeenya diinaa irra gahuu caalaa WBO akeeka duula diinaa fashalsee jira.

Humni waraana wayyaanee Gaambeellaa fi Asoosaa irraan WBO Godina Dhihatti bobba'e amma illee naannoolee Faashimii fi Daajoo sossoohaa akka jirus beekkamee jira.

***********

Baha Oromiyaatti humnoonni Federaalaa Wayyaanee ilmaan Oromoo saddeetii ol tahan saanjaan qalanii ajjeesan.

(Madda Oduu ABO/MOA/Adoolessa 16,2008)Maddeen oduu keenyaa akka gabaasanitti humnoonni Federaalaa Wayyaanee jalqaba ji'a Adoolessaa kana irratti godina Harargee bahaa ona Burqaa bakka Gowgow jedhamutti ilmaan Oromoo 8 caalaan gara jabinaan qalanii ajjeessaniiru.

Irra guddaan namoota poolisoota Federaalaa Wayyaaneen dhumatanii, kanneen daldala xixxiqqaa irratti bobbahan tahuu oduu nu gahe irraa beekuun danda'ameera.  Kana malees humnoonni Federaalaa Wayyaanee namoota biroo ajjeesanii bineensaa nyaachisuu gabaasaan maddeen keenyaa ifa godha.

Bulchiinsi sirnichaa naannoo saniis humnoonni poolisa Federaalaa Wayyaanee gochaa faashistummaa kana fakkaatu yeroo raaw'atan maaliif jedhee gaafachuu irra callisuu akka filate kan addeessan maddeen, Oromoon biyya keessaa fi alaa imaammata sanyii duguuggii isa irratti labsamee hojiittis hiikamaa jiru of irraa faccisuuf gurmaawee akka qabsaawu waamicha dabarsan.

*********

Ilmaan Oromoo biyya keessa jiran namoota dirqama dhaabaatiin ala biyya keessa of bobbaasanii gaaga'ama uumuuf carraaqaa jiran irraa akka of eegan hubachiifaman.

(Madda Oduu ABO/MOA/Adoolessa 16,2008) Namoonni tokko tokko quunnamtii dhaabni baroota darban itti kennetti dhimma bahuun osoo dhaabni dirqama itti hin kennin biyya seenuun ofii fi hojii dhaabaa gaaga'aa waan jiraniif, Oromoon akka irraa of tiksu qaamni dhimmi ilaalu dhaamsa jabaa dabarsee jira.

Haaluma kanaan namni Milkii jedhamu biyya keessa galuun wayyaaneen gowwoomfamee TV. sirnichaa irratti dhihaatee ABO irratti olola oofuu akka danda'u hubatameera.   Namni Mulgeetaa jedhamus bifuma kanaan dirqama dhaabni itti kenne dhiisee dirree irraa gara biyyaa seenuun harka diinaa akka bu'e beekameera. Wayyaaneenis dargaggoota kana dhiibuudhaan TV.tti baaftee akka ABO balaaleffatan dhiibaa jirti.

Dargaggootni Oromoo dirqama ABOn kanaan dura namoota kanatti kennee ture ilaaluun akka afaan hin faajjofnee fi hin gaaga'amne dursanii akka hubatanii fi of eeggatan qaamni dhimmi ilaalu hubachiiseera.

Harʼas quba qabeenya dhaabaa fi dirqama dhaabaan alatti gara biiyyaatti bobba'uun ofii isaanii fi maadhelee ABO gaaga'uuf naannoo Baalee Gobbaa, Asaasaa hamma Finfinneetti deemuun sochii gochaa akka jiran qabatamaan bira ga'ameera.

Maadheleen ABO fi ummatni Oromoo namoota kanaan akka hin gaaga'amne, jabeessanii akka of tiksan qaamni dhimmi ilaalu jabeessee dhaamsa dabarsa.

Namootni seeraan ala bifa kanaan bobba'anii jiranis ofii fi maadhelee dhaabaa gaaga'uun sirna waan hin taaneef, quunnamtii namoota waliin godhan dhaabanii bakka turanitti akka deebi'an dhaamsi darbeefii jira.

**********

Guutummaa Baha Oromiyaatti barattoonni Oromoo walgahii ergamtootaa irratti mormii jabaa dhageessisaa  jiraachuu maddeen gabaasan.

(Madda Oduu ABO/MOA/Adoolessa 16,2008)Oduun nu gahe akka addeessutti gootonni barattoota Oromoo godinoota Harargee bahaa fi dhihaa walgahii ergamtoonni diinaa qopheessan mormiidhaan fashalsaniiru.

Godina Haragee dhihaatti barattoonni mana  barumsaa sadarkaa lammaffaa  Machaaraa wayita ergamtoonni Wayyaanee ABO balaaleffatan, ABOn gaachana ummata Oromoo ti; dhaaba dhugaan ummata Oromoof dhaabbatee dha jechuun mormii isaanii dhageessisuun gabaafameera.

Haaluma walfakkaatuun godina Harargee bahaatti barattoonni manneen barmootaa sadarkaa lammaffaa walgahii ergamtoonni miseensummaa guuchisuuf qopheessan moormanii fashalsaniiru. Ona Meettatti barattoonni mana barumsaa Calanqoo sadarkaa lammaffaa walgahii diinaa bu'aa malee hambisuu maddeen keenya gabaasaniiru.

Mormiin barattootaa kun manneen barnootaa Haramaayaa, Addeellee fi Qarsaatti babal'achaa jiraachuun gabaafame jira.

Gama biraan ammoo godina Harargee dhihaa magaalaa Asabootii fi naannoo isaatti ergamaan Wayyaanee Shaafii Sa'idi jedhamu sab-boonaa fakkaatee hojii basaasummaa gaggeessaa akka jiru saaxilameera.

Ilmaan Oromoo ergama kana irraa akka of eeggatan, ergamtichi hatattamaan hojii itti jiru irraa akka dhaabbatu akeekkachiifameera.

*********

Walitti bu'insi baha Oromiyaatti Oromoo fi gosa Somaalee Iissaa giddutti dhalate babal'cahaa jiraachuun gabaafame.

(Madda Oduu ABO/MOA/Adoolessa 16,2008) Walitti bu'insi Wayyaanotaan qabsiifame, ona Mi'eessootti lubbuu namoota hedduu galafaate, gara onoota biroottillee babal'achaa akka jiru maddeen keenya gabaasaniiru.

Walitti bu'insi kun gara Ona Doobbaattis tarkaanfatee bakka Saphaallee  jedhamutti lola taheen gama lamaani irraayyuu namoonni 8 galaafatamuutu gabaafame.

Ergamtoonni Wayyaanee dalagaa badiif dhaabbatan walitti bu'iinsi ummatoota lamaan gidduutti dhalate akka hin qabbanofne gochaa akka jiran gabaafamaa jira.

*********

Korri xiqqaan ABO Kutaa New Zealand Milkiin Xumurameera.

 (Madda Oduu ABO/MOA/Adoolessa 16,2008)   Korri xiqqaan Miseensota ABO kutaa New Zealand keessa jiranii kan bara 2008tii  Adoolessa 12 magaalaa wellington keessatti sirna o'aadhaan geggeeffamee jira. Walgahii kana irraitii akkuma aadaa Oromootti eebba Maanguddootiin eegalame. Sana booda karaa dura taa'aa kutaa NZ J/Lalisaa Kumalaatiin haala korichaa fi qabsoo Oromoo yeroo ammaa irraa jiru ilaalchisee ibsa bal'aan kennamee jira.itti aansuun taa'onni konyaa walduraa duubaan haasa'a godhanii jiru. Akkasumas olola diinni keenya qabsoo keenya irratti adeemsisaa jiru fi imaammata sanyii duguuggaa ilmaan Oromoo irratti diinaan rawwatamaa jiru irratti marii bal'aan godhameera.

    Akkasumas gaafa guyyaa Adooleessa 13,2008 gareen kubbaa miilaa Oromiyaa fi gareen Madda walaabuu waldorgommii guddaa godhaniiruu, guyyaa kana Oromoota biyya kana jiraatan kan gammachiisee fi rajjeffachiise taphicha qofaa osoo hin taane, jaalala, mararfannaa fi kabajaa  addaa dargaggoonni keenya waliif qabaniifii bilchinni sabboonummaa isaanii waan nama raaju ture. Gazexxesittoonni biyyittii hedduun kan argaman yoo ta'u tapha jabaa ture kana gareen madda walaabuu wellington injifachuudhaan geeba fudhataniiru. Galagala sani sagantaan hirbaataa fi qophiin bashannanaa qophaa'eera. Sana irraatti maanguddoonnii fi Beektonni oromoo dhaamsa jajjjabaa waliif dabarsaniiru.

 

Korri xiqqaan ABO kutaa NZ ibsa ejjeennoo armaan gadii dabarfateera.

  1. Yeroo ammaa kana mootummaan TPLF/EPRDF bifa adda addaan balaa uummata Oromoo irraan gahaa jiru ni balaaleffanna.
  2. Mootummaan TPLF sab-lammoota ollaa Oromoo jiran hidhachiisuun Oromoo irratti bobbaasee ficcisiisaa jira, keessattu dhiheenya kana uummata Gumuz hidhachiisee Oromoota 500 ol ficcisiisee jira. Gochaa kana jabeessinee balaaleeffanna, warreen yakka kana raawwatanis hatattamaan dhaddacha seera addunyaatti akka dhihaatan jabeessinee gaafanna.
  3. basaasonni mootummaa TPLF shira xaxuudhaan uummata keenyaa walitti buusaas turaaniiruu, buusaas jiru akkasumas immamataa isaanii kan walitti buusuusf qaban ni balaaleffanna,
  4. Qabsoo uummata Oromoo ABOn geggeeffamu galmaan ga'uuf waan nurraa barbaadamu cufa ni goona.
  5. Tarkaanfii WBOn yeroo ammaa kana diina irratti fudhachaa jiru dinqisiifachaa, daranuu jabaatee tarkaanfiin akka itti fufuuf gumaata qabsoo keenya ni ba'anna..
  6. nuti miseensootni ABO kutaa NZ keessa jiru murtii fi qajeelfama dhaabni keenyaa nutti kennu mara fudhannee gara hojiitti jijjiiruuf dhaaba keenyaa wajjiin haamilee guutuun akka hojjeennu murteeffannee jirra. 

 

 Gaadaan Gadaa Bilissummaati!!!

 I.U.OF!!!!
 Miseensoota ABO Kutaa New Zealand.


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net